Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Shaggar Aanaa Dugdaa keessatti lukkeeleen Bilxiginnaa qonnaan bultoota oomisha Boqqolloo dhorkuu hordofee miidhaa qaqqabsiisaa jiraachuun dhaga’ame 

ONM-ABO Caamsaa 14, 2025 

Oomisha Boqqolloo qonnaan bultoonni akka hin oomishneef baatiilee 2’n darban irraa kaasee godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa keessatti uummata wal-tajjii baasuun dhorkaa kan turan yoo ta’u, namoonni haala jireenyaa isaanii fooyyessuuf qonna midhaan Boqqolloo qotanis miidhaan irratti raawwachaa jiraachuun ibsame.

Dinagdeen uummata Oromoo irra jireessaan qonnaa irratti kan bu’ureffame ta’us, qonnaan bulaan Oromoo qooda yeroodhaan Xaa’oo fi sanyii filatamaa argatee oomishaa fi oomishtummaa isaa guddifachuu malu, murni Bilxiginnaa ammoo faallaa kanaa loltoota isaa kumaatamaan itti bobbaasuun rasaasaa fi beelaan lafa irraa duguuguuf duula waraanaa irratti banee jira.

Bifuma kanaanis aanaa Dugdaa ganda Tuchii Sumayaan jedhamu keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa akka qonnaan bultoonni lafa isaanii irra Boqqolloo hin oomishneef Caamsaa 11, 2025 hawaasa gandichaa wal-tajjii waamuun akeekkachiisuun namoota Boqqolloo qotan ammoo reebichaa fi dararaa ulfaataa irraan gahuun ibsame.

Akka maddeen himanitti, ugguramuun oomisha Boqqolloo kunis; “Waraana Bilisummaa Oromootu keessa ta’ee nu rukuta” sodaa jedhu irraan kan ka’e ta’uunis ifoomeera.

Exit mobile version