Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Wallagga Bahaa Aanaa Gobbuu Sayyoo keessatti loltoonni Bilxiginnaa hawaasa dirqamsiisuun abbootii qabeenyaaf hojii hojjechiisaa jiraachuun ibsame

ONM-ABO Amajjii 23, 2025 

Akkuma argan bobbaafamuun loltoonni Bilxiginnaa qarshii xiqqoo abbootii qabeenyaa irraa argataniin gowwomfamanii hawaasa irratti dhiittaa mirga namoomaa adda addaa raawwataa jiru. 

Aanaa Gobbuu Sayyoo keessatti kan argamu dhaabbanni “Agro Industry” jedhamu nama maqaan isaa Shifarraa Mitikkuu jedhamuun kan hoogganamu oomisha sanyii boqqolloo fi horsiisa loonii irratti bobba’ee kan argamu yoo ta’u, lukkeeleen Bilxiginnaa immoo gargaarsa abbaa qabeenyaa sana irraa argataniin afaan qawwee itti qabuun magaalaa Aannoo fi gandoota baadiyyaa akka: Somboo Geejoo, Tibbee Haraa, Aggoo Laaftee, Sayyoo Gishee, Alamii Sayyoo fi k.k.f irraa dirqamaan humna qonnaan bultoota Oromootti taphataa jiraachuu maddeen itti dhiheenyaan hordofan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan. 

Kaabinoonni fi loltoonni Bilxiginnaa abbaa qabeenyaa kana irraa qarshii xiqqoo fudhachuun hojii dhuunfaa isaanii irraa qonnaan bultoota Oromoo humnaan bobbaasuun oomisha boqqolloo dhaabbanni “Agro Industry” qabu akka oomishaniif dirqamsiifamanii dararaa hamaa keessatti kan argaman ta’uun dabalataan ibsameera.

Qonnaan bultoota kanneen keessaa nama hojii kana hojjechuu dide maqaa “farra misoomaati; rakkoo ilaalchaa qaba” jedhuun maqaa adda addaa itti maxxansuun sobaan yakkanii dararaa kan jiranii fi “sanyiin boqqolloo isiniif hin kennamu” jechuun dararaa hamaa irratti raawwataa jiraachuu namoonni aanichaa dubbisne himan.

Exit mobile version