ONM-ABO Adoolessa 13, 2025
Uummata Oromoo hiraarsuu kaayyoo jalqabaa fi hojii idilee taasifatanii kan bobba’an loltoonni sirnichaa kutaalee impaayerattii cufa keessaa haala duraan amaleeffataniin olitti sabboontota ilmaan Oromoo adamsuun sarbamiinsa mirga namoomaa irratti raawwachuu itti fufanii jiru.
Bifuma kanaan Baha Wallaggaa aanaa Gobbuu Sayyoo ganda Giishee jedhamu keessatti milishoonni Bilxiginnaa maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoof nyaata kennitu” jedhuun jiraattota gandichaa guutummaa irratti sarbamiinsa mirga namoomaa garaa garaa raawwachaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Murni rakkoo hawaasaaf furmaata kennuu hin beekne Bilxiginnaan, jiraattota ganda Gambeela Tarree ammoo hanqina bu’uuraalee misoomaa kan akka daandii hawaasni irra socho’u sirreessuu hanqachuun uummata dararaa jiraachuun beekameera.
