ONM-ABO Bitootessa 19, 2024
Qabsoo bilisummaaf uummatni Oromoo geggeessaa jiruun lubbuun hedduun ba’aa Kan jiru, humnootni diigamuu impaayera Itoophiyaa hin feene, saba qulqulluu mirga hiree murteeffanaa gaafatee yakka tokko malee rasaasaan waaduun ajjeesuu irratti xiyyeeffatanii hojjechaa jiru.
Akkuma kanaanis godina baha Wallaggaa aanaa Gobbuu Sayyoo ganda Soolee keessatti dhiittaan mirga namoomaa hawaasa nagaa irratti raawwatamuun dargaggoo Fayyeeraa jedhamuu fi Kan maqaan isaa nu hin geenye tokko waraana faashistii PP’n ajjeefamanii akka gataman himameera.
Rakkooleen kaadiroota sirna PP’n hawaasa Oromoo ona Gobbuu Sayyoo irratti ta’aa jiru haalaan yaaddoo uumee kan jiru yoo ta’u, murni bilxiginnaa garee finxaaleeyyiii Amaaraa tumsuun deebisanii qubachiisuuf jedhee onicha keessatti hawaasa nagaa hiraarsaa akka jirus beekameera.
Gareen sirna Minilik leellisan baatiilee darban keessa ona Gobbuu Sayyoo irraa buqqaa’anii akka turan Kan himamu yoo ta’u, yeroo ammaa ammoo bifoota adda addaan ijaaramuun milishaa fakkaatanii namoota nagaa ajjeesuu fi doorsisaa akka jiranis namootni dhimmicha itti siqeenyaan beekan ONM’tti himaniiru.

