Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Gobbuu Sayyootti hidhaa fi saamichi waraana garboomfataa PP’n hawaasa nagaa irratti raawwatu cimee itti fufe

ONM-ABO Sadaasa 7, 2024 

Uummata Oromoo biyya abbaa isaa dachee Oromiyaa irratti hadheeffachuun badii tokko malee sobaan yakkee ajjeesuu, hidhuu fi saamuu hojii guyyuu isaa kan godhate waraanni maafiyaan koloneel Abiy Ahimed, goleewwan Oromiyaa mara keessatti ilmaan Oromoo sababa Oromummaa isaanii qofaan yakkuun dararaa hamaa irraan gahuu cimsanii itti fufanii jiru.

Aanaa Gobbuu Sayyoo ganda Tibbee jedhamu keessaa Sadaasa 5, 2024 waraanni sirnichaa nama maqaan isaa Mulgeetaa Ilfataa jedhamu badii tokko malee qabuun hidhaatti yoo darbatan, Abiyoot Gaaddisaa nama jedhamu jalaa ammoo mana isaa cabsuun qarshii 40,000 saamanii deemuu jiraattonni naannichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka jiraattootni himanitti, namoonni kunneen hirmaannaa siyaasa qaama kamiiyyuu kan hin qabne ta’uu eeruun, ergamtoonni Bilxiginnaa ammoo badii tokko malee yakkoota kanneen irratti raawwatanii kan jiran ta’uu fi ergamtoonni kunneen gandicha keessatti wayita maqaa sakattaa Waraana Bilisummaa Oromoo jedhuun bobbaa’an hawaasa nagaa irratti yakkoota gara jabinaa tilmaama hin qabne raawwataa kan jiran ta’uu itti dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version