Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Waayyuu Tuqaa keessatti waraanni faashistii PP nama tokko rasaasaan yoo ajjeesan, Aanaa Gobbuu – Sayyoo keessatti ammoo hawaasa nagaa hidhaatti guuraa jiraachuun himame

ONM-ABO Adoolessa 23, 2025 

Dantaa nam-tokkee tiksuuf jecha dhiiga namoota qulqulluu dhangalaasaa kan oolan waraanni impaayerattii, Baha Wallaggaa aanaa Waayyuu Tuqaa ganda Baabboo Beenyaa bakka addaa Facaasee jedhamu keessatti Adoolessa 20, 2025 nama maqaan isaa Dabalaa Beenyaa jedhamu badii tokko malee maqaa “hariiroo WBO qabda” jedhu itti maxxansuun rasaasa itti roobsanii haala namaanaadisiisuun ajjeesanii gatuu maddeen ONM’tti himanii jiru.

Namni kun tuttuqqaa siyaasa dhaaba kamiiyyuu kan hin qabnee fi hawaasa naannoo biratti jaallatamummaa guddaa akka qabu himuun, gochoonni suukkanneessoon akkasii aanicha keessatti ergamtoota sirnichaan hawaasa meesha maleeyyii irratti irra deddeebiin raawwatamaa jiraachuu fi hawaasni rakkoo nageenyaa isaan mudachaa jiru qaama itti himatu dhabee gidiraa ulfaataa keessummeessaa jiraachuu dubbatu.

Kana malees, godinuma kana aanaa Gobbuu Sayyoo ganda Qeejjoo jedhamu keessatti ammoo hidhaa fi dararaan hawaasa nagaa irratti ergamtoota murna maafiyaa PP’n raawwatu cimee itti fufee kan jiru yoo ta’u, Adoolessa 19, 2025 nama maqaan isaa Raffisaa Goobanaa jedhamu badii tokko malee sababa sobaa “loojistikii WBO’ti” jedhu itti maxxansuun hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Exit mobile version