ONM-ABO Fulbaana 27, 2024
Dhiiga namoota qulqulluu soorratee kan jiraatu murni nama nyaataan impaayera Itiyoophiyaa, sababota fudhatama hin qabne garaa garaa itti maxxansuun, duula duguuggaa sanyii Saba Oromoo irratti raawwachaa jiru jabeessee jira.
Haaluma kanaan Fulbaana 21, 2024 waraanni goolessituun sirnichaa godina Baha Wallaggaa aanaa Waayyuu Xuqaa ganda Haroo jedhamu keessatti hawaasa nagaa kanneen maqaan isaanii Obbo Tolaa Sirrataa fi Dabalaa Dhufeeraa kanneen jedhaman badii tokko malee reebicha hamaa erga irratti raawwataniin booda mana hidhaatti darbachuu maddeen eeran.
Akka maddeen keenya himanitti, namoonni kunneen siyaasa kam keessaayyuu qooda kan hin qabne yoo ta’aniyyuu, saayinsii waraanummaa fi safuu hawwaasaa kan hin beekne waraanni maafiyaa PP namoota kanneen badii tokko malee mana jireenyaa isaaniitii ukkaamsuun hidhee jiraachuu dabaluun Arraata biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

