Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Waayyuu Tuqaatti waraanni maafiyaan PP hawaasa nagaa hidhaatti darbachuu hammeessan 

ONM-ABO Caamsaa 9, 2025 

Aanaa Waayyuu Tuqaa ganda Daaloo Koomtoo jedhamu irraa torban darbe keessa namoota maqaan isaanii:

  1. Aadde Ijjigaayyoo Waaqoo,
  2. Obbo Sixootaa Qana’aa fi
  3. Abbayyaa Furgaasaa 

jedhaman ergamtoonni Abiy Ahimed badii tokko malee ukkaamsuun hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Namoonni kunneen deggertoota dhaaba siyaasaa kamiiyyuu kan hin taane ta’uu maddeen himuun, ergamtoonni sirnichaa ammoo maqaa ilmaan keessantu bosona jiraa fi hidhata WBO qabdu jedhuun hidhanii jiraachuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Teessuma siyaasaa nam-tokkee tiksuuf goleewwan Oromiyaa cufatti kan bobbaafaman loltoonni kunneen, ilmaan Oromoo sobaan yakkuun gochoota gara jabinaa garaa garaa irratti raawwachuu jabeessanii itti fufanii jiru.

Exit mobile version