ONM-ABO Amajjii 31, 2025
Duula duguuggaa sanyii uummata Oromoo irratti sababa tokko malee geggeessaa kan jiru waraanni Faashistii PP dinagdee ilmaan Oromoo quucarsuuf jecha sababoota garaa garaa maqaa dhahachuun hidhaatti darbachuu fi qabeenya uummata nagaa saamuu hammeessanii jiru.
Aanaa Waayyuu Tuqaa ganda Daaloo Koomtoo jedhamu irraa ergamtoonni Bilxiginnaa maqaa gibiraa da’oo godhachuun saamicha ulfaataa raawwachuun namoota waan fidanii kaffalan dhaban immoo hidhaatti darbachuun dararaa kan jiran yoo ta’u, Amajjii 26, 2025 gibira qarshii 8,000 “kaffaluu qabdu” jechuun hawaasa dirqamsiisaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Namoonni qarshii gaafataman kana kaffaluu dadhabuun guyyaadhuma kana ukkaamfaman:
- Taaffasaa Gannatii,
- Amantee Margaa,
- Galataa Hayiluu,
- Maammoo Baqqalaa,
- Gannatii Gammadaa,
- Taaddalee Taammiruu fi kanneen biroo baay’inaan 100 ol ta’an ta’uun barameera.

