Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Diggaatti ergamtoonni Bilxiginnaa waraqaa eenyummaa da’oo godhachuun hawaasa saamaa jiraachuun himame

ONM-ABO Amajjii 16, 2025  

Uummata Oromoo ukkaamsanii hidhuu fi saamicha dinagdeen dadhabsisuun umurii aangoo isaa waan dheeressu kan itti fakkaatu Bilxiginnaan waraana isaa safuu fi ooda uummataa hin beekne hawaasa nagaa irratti bobbaasuun dararaa ulfaataa raawwachaa jira.

Aanaa Diggaa ganda Lalistuu Shoolloo jedhamu irraa ergamtoonni bilxiginnaa maqaa gosa kaffaltii adda addaa itti dhahuun qarshii hedduu saamaa kan turan, ammas bifa adda ta’een saamicha raawwachuu cimsanii itti fufanii kan jiran yoo ta’u, waraqaa eenyummaa da’oo godhachuun hawaasa saamaa jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Torbee darbe irraa eegaluun ergamtoonni sirnichaa gandicha keessaa namni hunduu waraqaa eenyummaa akka baafataniif dirqamsiifamaa kan jiranii fi warra dhiiraaf waraqaa eenyummaa baasuuf qarshii 1,000 yoo saaman, dubartoota irraa immoo qarshii 500 saamaa kan jiran ta’uun ibsameera.

Namni umuriin isaa ganna 15 ol ta’e dirqamaan akka waraqaa eenyummaa baafatu gochaa kan jiran ergamtoonni Bilxiginnaa, nama waraqaa eenyummaa hin baafanne ammoo, “deggeraa Waraana Bilisummaa Oromooti” jechuun maqaa itti baasanii miidhaa ulfaataa irraan geessisaa jiraachuu jiraattonni gandichaa dubbisne ONM’tti himanii jiru.

Exit mobile version