ONM-ABO Bitootessa 10, 2026
Godina Buunnoo Beddellee aanaa Beddellee ganda Calloo keessatti gaafa Bitootessa 4, 2026 irraa eegaluun loltoonnii fi kaabinoonni aanichaa waliin ta’uun “waraqaa eenyummaa dijiitaalaa baafadhaa” jechuun uummata hiraarsaa jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Jaleewwan sirnichaa maqaa adda addaa da’oo taasifachuun saamicha hammeessanii jiran, guyyaa lama gidduutti akka baafatanii xumuraniif doorsisaa jiraachuu kan himan jiraattonni, waraqaa eenyummaa dijiitaalaa baafachuuf qarshii 600-1,000 irraa saamaa jiraachuu itti dabaluun ibsanii jiru.
Akkuma impaayerattii guutummaatti lukkeeleen Bilxiginnaa waraqaa eenyummaa dijiitaalaa sababa godhachuun qarshii hanga fedhan gaafatanii saamicha ulfaataa raawwachaa jiraachuun ni beekama.

