Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Shaggar aanaa Jalduu keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa maqaa adda addaatiin saamicha hawaasa irratti geggeessan cimsanii itti fufan 

ONM-ABO Sadaasa 3, 2025 

Godina Lixa Shaggar aanaa Jalduu keessatti maqaa kaffaltii gosa adda addaa da’oo taasifachuun saamicha raawwatanii dantaa dhuunfaa isaanii fi galii impaayerattii guddisuuf kan dhama’an ergamtoonni faashistii Bilxiginnaa, gaafa Onkoloolessa 25,2025 qonnaan bultoota maqaan isaanii:

  1. Obbo Damee Gulee irraa qarshii 1,200,
  2. Obbo Ijjiguu Amooshaa irraa qarshii 600,
  3. Obbo Girmaa Abdataa irraa qarshii 600 fi 

hawaasa hunda afaan qawween dirqamsiisanii naga’ee seeraa malee saamaa turuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Ergamtoonni sirnicha kufaatii jalaa baraaruuf ifaajanii fi faayidaa qoonqoo isaanii irra hin dabarre, maqaa “milishaaf nyaata ittiin qopheessina” jedhu sababeeffachuun gandicha keessatti hawaasa ofiifuu qaala’insa jireenyaatiin waaadamuun waan  nyaatee bulu dhabee rakkatu afaan qawween dirqamsiisuun humnaan harkaa guuraa jiraachuun ifoomeera.

Bitamtoonni Bilxiginnaa ergama qaama isaanii olii irraa itti kenname ba’anii gammachiisuuf kufanii ka’aa kan jiran, biratti immoo bu’aa dhuunfaa isaanii butachuuf jecha kutaalee Oromiyaa mara keessatti kaffaltii gosa adda addaa da’oo godhachuun afaan qawwee gargaaramanii hawaasa hiraarsuun daba ulfaataa raawwachuu irratti xiyyeeffatanii jiru.

Exit mobile version