ONM-ABO Fulbaana 19, 2025
Godina Lixa Shaggar aanaa Jalduu ganda Caancoo Qabbana’aa keessatti kaabinoonni Bilxiginnaa namoota qabanii akka qawwee hidhataniif dirqisiisaa jiraachuu fi kanneen dirree siyaasaa keessa hin seennu jechuun didan immoo maqaa hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabda jedhuun reebichaa fi doorsisa adda addaa irratti raawwachaa jiru.
Walakkeessa baatii Hagayyaa irraa eegalee namni kamiyyuu qawwee hidhatee biyya isaa eeguuf dirqama qaba jechuun jiraattota doorsisuu fi kanneen qawwee sirnichaa hidhachuuf fedhii hin qabne ammoo haala yerootti dhimma bahanii maqaa garaa garaa itti moggaasuun reebuu, hidhuu, ajjeesuu, doorsisuu fi kkf irratti raawwachaa kan turan yoo ta’u, yeroo murtaa’e gara fuul-duraatti akeekuun qajeelfamni kun xumura baatii Fulbaanaatti raawwatamee hojii irra ooluu qabas jechuun beellama kennanii jiraachuu jiraattotni ibsaniiru.
Dabalataan immoo aanichuma ganda Taliila Kattaa kessatti milishoonni sirnichaa galgala galgala yeroo hunda sa’atii 1:30 hanga sa’atii 2:30’tti manneen uummataa irra deddeemuun maaliif ibsaa ibsuu diddan jechuun uummata gandichaa irratti reebicha ulfaataa fi doorsisa geggeessaa jiraachuun ibsameera.
Kana malees maqaa seera kabachiisuu jedhu dawoo godhachuun adabbii seerawaa hin taanee fi tooftaa saamichaa kalaqatanii hawaasa irratti murteessuun namoota galgala ampuuliin mooraa isaanii keessatti ifee hin argamne adabbii qarshii 500 fi reebichi cimaan irratti geggeeffamaa jiraachuus dabalataan addeessaniiru.

