Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Shaggar aanaa Jalduu keessaa lotootni sirnichaa sadii qawwee fi hidhannoo guutuun WBO’tti harka kennatan

ONM-ABO Adoolessa 25, 2024

Dhaaddannoon murna bilxiginnaa yeroo muraasa  keessatti Dhadhaa ibidda bu’e ta’uun, ilmaan Oromoo dirqamaa fi goyyomsaan qabanii adda waraanaatti guuraa turan yeroo gabaabduu keessatti WBO balleessinee mooraatti galtanii teessu jechuun sossobaa turanis ilmaan Oromoo kunneen soba isaanii irratti baruun gara WBO’tti makamuu cimsanii itti fufanii jiru.

Adoolessa 23, 2024 Lixa Shaggar aanaa Jalduu ganda Osolee irraa miseensonni murna bilxiginnaa tajaajilaa turan sadii qawwee fi hidhannoo waraanaa waliin  gara mooraa qabsoo bilisummaa Oromootti dabalamaniiru. 

Loltoonni sadeen kunneenis qawwee AKM 3, boombii harkaa 4, rasaasa AKM 530 fi hidhannoo waraanaa waliin gooticha WBO bakkicha keessa socho’utti  harka kennatanii jiru.

Akka loltoonni kunneen jedhanittis mooraa sirnichaa keessaa waraanni wal gurmeessee badaa jiraachuu himuun, sababni baduu isaaniis ji’a 2 gidduutti WBO balleessinee mooraatti galtanii boqottu jechuun soba isaanii nutti himaa turan jechuun hojii bilxiginnaa komatu. 

Sababni sirnicha ganuu keenyaa inni ijoon miidhama hawaasa keenya irratti adeemaa jiruu fi walqoodiinsa sanyummaa mooricha keessatti uumamee jiruuf waraanni walii isaa wal ajjeesaa oola jechuun taatee mooricha keessa jirus himan.

Dhuma irrattis mooraa sirnichaa keessaa bahanii nagaan WBO bira gahuu isaaniitti hedduu gammaduu ibsuun, ilmaan Oromoo lola isin hin ilaallanneen lubbuu keessan dhabaa jirtanii fi ajaja isinitti kennameen uummata keessan miidhaa jirtan boruu itti gaafatama seeraa fi seenaa jalaa waan hin baaneef yeroon gara qabsoo haqaatti dabalamaas jedhaniiru.

Exit mobile version