ONM-ABO Waxabajjii 12, 2024
Erga duulli Bobbaa Irbuu Shinnigaa ABO -WBO’n labsamee kaasee mooraa murna bilxiginnaa keessatti gaaga’ama hamaa kan fide yoo ta’u, loltoonni sirnichaas aarsaa galata hin qabne hin kaffallu jechuun carraa qabanitti fayyadamanii meeshaa fi hidhannoo isaanii waliin WBO’tti makamaa jiru.
Akkasumas, hedduun isaaniis meeshaa lafa kaa’uun uffata jijjiiratanii baduu irratti argamu.
Haaluma kanaan haleellaa WBO’n tibbana mooraa sirnichaa irratti taasiseen Zoonii Giddu galeessaa aanaa Jalduu mooraa magaalaa Shukutee, Abuunaa Gindabarat magaalaa Qalaaxee fi Kaaba Shaggar aanaa Kuyyuu Mooraa Yuuyyee Cabaree irraa loltootni sirnichaa isnaayippera dabalatee hidhannoo guutuun WBO’tti harka kennachuu gabaasni achii dhufu ni addeessa.
Duula Bobbaa Irbuu Shinnigaatiin booda aanaa Jalduu magaalaa Shukutee irraa loltootni 16 AKM gurraachaa 11 fi raashiyaa 1, boombii Saddeet 8, rasaasa 1984 loltootni afur ammoo harka duwwaa dhaqaniiru.
Aanaa Abuunaa Gindabrat irraa ammoo loltootni sadii 3 qawwee dachaatuu sadii 3 rasaasa 760, waliin WBO bira gahaniiru.
Kaaba Shaggar aanaa Kuyyuu Mooraa Yuuyyee Cabaree irraa loltootni 7 AKM 6 fi isnaayippera 1, rasaasa 1203 fi hidhannoo guutuun WBO’tti dabalamuu isaanii maddeen WBO himan.
WBO’nis gama isaan loltoota kanneeniif simannaa hoo’aa kan taasiseef yoo ta’u, isaaniis WBO bira gahuu isaaniif hedduu gammaduu fi hanga kana mooraa sirnichaa keessa turuun keenyayyuu quunnamtii dhaba malee sirna yakkamaa kana tajaajiluu feenee miti jechuun, ijoolleen Oromoo mooricha keessatti hafanis ba’uuf akka jiran dabaluun ibsaniiru.
Ilmaan Oromoo waraana faashistii PP tajaajilaa jiran carraa amma qabanitti fayyadamuun lola isaan hin ilaallanne irratti hirmaatanii lubbuu isaanii dhabuu irra gara qabsoo sabaa ABO-WBO’n geggeeffamaa jiruutti dabalamanii uummata isaaniif akka dhaabbatan dhaamsa dabarsaniiru.

