ONM-ABO Bitootessa 23, 2024
Wal-qoodinsi sanyummaa mooraa murna bilxiginnaa keessatti dhalatee jiru daran hammaachaa dhufuun ilmaan Oromoos dhalootaan Oromoo ta’anii sirnichi goyyoomsaan guuree adda waraanaatti ergaa ture ajjeefamuu saba isaanii arguun gara WBO’tti dabalamaa jiru.
Guyyaa dheengaddaa Bitootessa 21, 2024 loltootni sirnicha tajaajilaa turan lama walitti bu’iinsa mooraa isaanii keessatti loltoota Amaaraaf Oromoo gidduutti uumameen dhalootaan Oromoo kan ta’an loltuu sirnichaa Amaaraa tokko ajjeesuun qawwee isaas hidhannoo waliin fudhachuun WBO aanicha keessa socho’utti harka kennataniiru.
Loltootni kunneenis qawwee AKM Turkii gurraacha 3, rasaasa 500, hidhannoo sadii fi boombii 2 fudhachuun gara WBO aanicha keessa socho’utti harka kennachuu isaaniis maddeen WBO gamasii ONM’tti himeera.
Karaa WBO’s simannaa hoo’aan kan taasifameef yoo ta’u, xumura irrattis ilmaan Oromoo dhalootaan Oromoo taatanii impaayera Itoophiyaa ilmaan Oromoo bakka hin buune utubuuf lubbuu keessan dhabaa jirtan gara qabsoo WBO’n geggeefamaa jiruutti dabalamaatii saba keessan tajaajilaa jechuun dhaamsa isaanii dabarfataniiru.

