ONM – ABO Bitootessa 9, 2024
Ilmaan Oromoo bakkeewwan adda addaa akkasumas manneen barnootaa irraa ukkaamfamuun murna bilxiginnaan fedhii isaanii malee ofii du’anii sirnichi akka aangoo irra turaniif gara adda waraanaatti guuramaa turan, erga leenjii sirnichaa fudhatanii bobba’anii asis sirnichi ilmaan Oromoof waan hin tolleef gara qabsoo WBO’n geggeefamaa jiruutti dabalamaa jiru.
Akkasumas, ilaalchi sirnichi ilmaan Oromoof qabu ajjeechaa jumlaa, hidhaa, saamichaa fi buqqaatii dabalatee wantoota adda addaa yeroo ammaa koree qindeessee raawwachaa jiru kan isaanitti dhaga’ame ta’uu fi akkasumas wal-qoodinsii sabaa waan jiruuf yeroo hedduu yaada wal fakkaataa kaasuun akka WBO’tti makaman ni dubbatu.
Guyyaa dheengaddaa Bitootessa 6, 2024 Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo magaalaa Muggii keessaa loltootni sirnichi humnaan qabee adda waraanaatti erge qawwee fi hidhannoo guutuu waliin WBO’tti dabalamaniiru.
Loltootni kunneenis AKM 2 rasaasa 500, boombii 4 fi hidhannoo guutuun WBO onicha keessa socho’utti harka kennachuu isaanii Waraanni Bilisummaa Oromoo isaan harka itti kennatan kun yaada isaanii waliin ONM’tti himeera.
Loltootni kunneenis sarbamiinsa mirga namoomaa garee isaan keessa turan kanaan uummta Oromoo irratti raawwatamu jibbuun akka ba’an kaasuun ilmaan Oromoo lola isin hin ilaallannetti hirmaattanii lubbuu keessanii fi uummata keessan miidhaa jirtan maal gochaa akka jirtan of ilaalaa jechuun dhaamsa isaanii dabarfataniirus jedheera.

