ONM-ABO Hagayya 10, 2024
Fedhii fi gaaffii uummata Oromoo karaa seera qabeessa ta’een deebisuu irra koloneel Abiy Ahimed humna waraanaa fayyadamuun dargaggoota Oromoo humnaa fi maallaqaan gowwomsee adda waraanaatti ergus ilmaan Oromoo, Oromoo irraa dhalatan saba keenya miidhuun nurraa hin eegamu jechuun gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachaa jiru.
Hagayya 8, 2024 godina Lixa Shaggar aanaa Abuunaa Gindabarat fi Jalduu irraa loltoonni sirnicha tajaajilaa turan saddeet (8) qawwee fi hidhannoo guutuun gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddu-Galeessaatti harka kennatanii jiru.
Jalqaba irratti loltoota kanaaf karaa WBO simannaa hoo’aan taasifamuufiitti guddoo gammaduun, waanti isaan nuun jedhanii fi qaamaan dhufnee argine waan wal hin fakkaanneedha, WBO’n yoo itti dhaqxan nama qalaa fi gochoota hin taane isin irratti raawwata jechuun miseensa sodaachisaa turan jedhan.
Akkasumas nuti jalqabas jaallannee miti dirqamaan gara waraanaatti seenne jechuun, yeroo ammaa kanas miseensi hundi abdii kutatee karaa ittiin ba’u dhabee rakkachaa jira kan jedhan loltoonni kunneen, dabalataan jechoota isaan itti facaasaniin sodaatanii taa’aa jirus jechuun, wal-qoodinsi sanyummaa yeroo irraa gara yerootti dabalaa deemuu fi loltoonni kunneenis abdii kutannaan wal-qabatee walitti dhukaasuun wal irraa ajjeesaa fi madoo wal taasisaa akka jiranis ibsan.
Akkasumas loltoonni kunneen baay’inaan haa deeman malee dhukaasuuf haamilee tokkollee akka hin qabnee fi hedduun isaanii waraanuma kanatti seenuu isaaniif hedduu gadduu illee ibsu.
Dhuma irrattis uummata keenya nutti fakkaatee miidhaa irraan geessisneef dhiifama gaafanna jechuun, kana booda Waraana Bilisummaa Oromoo waliin taanee yeroo itti uummanni Oromoo mataa gadi qabatu osoo hin taane sirna kana hundeen buqqisnee yeroo inni itti mataa ol qabatu gochuu qabna jechuun waadaa yoo seenan, ilmaan Oromoo dhalootaan Oromoo taatanii waan isaan isinitti fe’aniin saba keessan miitan itti gaafatama seeraa fi seenaa jalaa hin baatan jechuun WBO’tti dabalamatanii saba keessan tajaajiluu qabdus jechuun dhaamsa dabarfataniiru.

