Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Shaggar aanaa Jalduu magaalaa Shukutee irraa loltootni murna bilxiginnaa lama WBOtti harka kennatan

ONM-ABO Guraandhala 27, 2024

Dargaggoonni Oromoo humnaa fi goyyoomsaan murna bilxiginnaan qabamanii adda waraanaatti guuramaa turan, sirnichi ilmaan Oromoo irratti ajjeechaa jumlaa fi saamicha raawwachuu dabalatee iddoowwan adda addaatti buqqaatii raawwatamu arguu dhabuun gara qabsoo haqaatti dabalamaa jiru.

Haaluma kanaan lixa Shaggar aanaa Jalduu magaalaa Shukutee irraa loltootni murna bilxiginnaa lama dheengadda Guraandhala 25, 2024 beekaniis ta’e osoo hin beekin sirnichaaf ergamaa turan lama qawweef hidhannoo isaanii guutuu waliin WBO’tti makamaniiru.

Loltootni kunneenis qawwee Turkii 2, boombii 4, rasaasa 480 fi hidhannoo isaanii guutuu waliin WBO aanicha keessa socho’utti harka kennataniiru.

Loltoota kanaafis karaa WBO simannaa hoo’aan kan taasifameef yoo ta’u, akka loltootni kunneen jedhanitti mooraa isaanii keessa waliigalteen akka hin jirree fi sanyummaan wal qoodinsi akka hammaatee jirus ibsan.

Hawaasni nagaan maaf ajjeefamu wayita jedhamanittis, harka caalu ajajoota sabaan Amaaraa ta’an’tu baayata waan ta’eef isaan ammoo Oromoo guutummaan WBO jedhanii waan amananiif gaaffii tokko malee ajjeechaa irratti raawwatu jechuun dubbatu.

namoonni kun namoota nagaadha maaf ajjeestu jennee gaaffii dhiheessinuufis isin mataan keessanuu WBO’dha jechuun ajjeechaa hanga hidhaa akkasuma reebicha ulfaataatu nurratti geggeefamaa jira kanaaf sodaa lubbuu keenyaaf jennee callisnas jedhan.

Dhuma irrattis murni bilxiginnaa uummata Oromoof naasuu tokko illee akka hin qabne kaasuun dhalattoonni Oromoo dhalootaan Oromoo taatan duula duguuggaa sanyii murni bilxiginnaa uummata Oromoo irratti geggeessaa jiru waliin hiriirtanii gochoota badaa uummata keessan irratti hin raawwatinaa gara qabsoo sabaa WBO’n geggeessaa jiruutti dabalamaatii saba keessan tajaajilaa jedhaniiru.

Exit mobile version