ONM-ABO Fulbaana 17, 2025
Lixa Shaggar aanaa Baakkoo Tibbee ganda Haraa Abboonnoo keessaa Fulbaana 14, 2025 loltoonni sirnichaa maqaa “WBO’f qawwee keenya kennitan” jedhuun qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Fiqaaduu Gurmeessaa jedhamu osoo inni dhimma dhuunfaa isaaf gara magaalaa deemaa jiruu ukkaamsuun hidhaatti darbatanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Kana malees, guyyaadhuma kana aanichuma ganda Dasoo Dongoroo keessaa sababuma wal-fakkaatuun qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Alamuu Baqqalaa jedhamus badii tokko malee hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen itti dabaluun eeranii jiru.
Gochi dabaan kun guutummaa aanichaa keessatti raawwatamaa jiraachuu fi dubartoota gandoota baadiyyaa irraa gara magaalaa dhaqanis, “hanga abbootiin warraa keessan gatii qawwee keenyaa qarshii 100,000 fidanitti hin baatan” jechuun hidhaatti guuraa jiraachuun dabalataan ibsameera.
Jaleewwan murna Bilxiginnaa dinagdee impaayerattii laamsha’ee fi sirna dhablummaa dagaagetti dhimma ba’uun damdamachiisuuf jecha sababoota garaa garaa wabeeffachuun uummata Oromoo irratti saamichaa fi dararaa adda addaa raawwachaa kan jiran ta’uun ni beekama.

