ONM-ABO Ebla 17, 2025
Godina Lixa Shaggar aanaa Baakkoo Tibbee ganda Somboo Disaasaa jedhamu keessaa ergamtoonni faayidaa dhuunfaa isaanii guuttachuuf qofa hawaasa dararan Ebla 16, 2025 badii tokko malee “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jechuun:
- haadha maqaan ishee Aadde Wayyituu Cimdeessaa jedhamtu jalaa loon 2 yoo ooffatan,
- qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Tarreessaa Urgeessaa jedhamu jalaas loon 2 saamanii deemuu
maddeen itti dhiheenyaan beekan Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ibsanii jiru.
Aanaadhuma kana ganda Biqiltuu Lakkuu jedhamu keessattis saamicha raawwatan jabeessuun guyyaadhuma kana Ebla 16, 2025 dubartii maqaan ishee Aadde Alguu Fallaqaa jedhamtu “soddaa keetu miseensa Waraana Bilisummaa Oromooti” jechuun loon 2 jalaa saamanii deemuu jiraattonni gandichaa ONM’f ifoomsanii jiru.
Oduma walfakkaatuun, godina Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu ganda Qellaa Daabbus jedhamu irraa waraanni murna garboomfataa PP Ebla 15, 2025 badii tokko malee qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Malkaamuu jedhamu jalaa saawwan 17 ooffatanii deemuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himanii jiru.

