Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar aanaa Baakkoo Tibbeetti ergamtootni PP uummata nagaa irratti saamicha, reebichaa fi hidhaa jabeessanii itti fufan

ONM-ABO Adoolessa 13, 2024

Murni faashistii bilxiginnaa, godina Lixa Shaggar aanaa Baakkoo Tibbeetti uummata nagaa irratti maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo gargaartu” jedhuun saamicha, hidhaa, dararaa fi ajjeechaa kan durii caalaa jabeessee itti fufee jira.

Aanaa Baakkoo Tibbee ganda Adulaan jedhamu keessatti namoota maqaan isaanii: Obbo Geetuu Gabayyoo fi Obbo Garramuu Gotee jedhaman yoo saamu, Obbo Geetuu jalaa midhaan nyaataa kanneen akka: boqqolloo, qamadii fi garbuu ardaba 10 ol, akkasumas;  dukkaana isaas cabsuudhaan maallaqa 120,000 ol jalaa yoo saaman, Obbo Garramuu jalaa ammoo loon 3 fudhatanii deemuu jiraattonni gandichaa himan.

Haaluma wal fakkaatuun, waraanni faashistii PP ganda Walqixxummaa bakka addaa Areeree jedhamutti uummata nagaa qe’eef qabeenya isaanii irratti dararuu fi saamuun eerameera.

Akka jiraattonni kun jedhanitti, namoota maqaan isaanii:

1) Aadde Caaltuu Dhugaasaa jalaa loon 3

2) Obbo Dassaalee Shawulee jalaa qarshii 30,000

3) Obbo Wandee Oliiqaa fi

4) Aadde Almaazee Gaaddisaa jalaa ammoo qabeenya mana jireenyaa guutummaan guutuutti saamuun ishees badii tokko malee hidhan.

5) Obbo Giddiisaa Bookaa fi 

6) Obbo Warqiisaa Gaaddisaa ammoo reebicha hamaa irraan geessisuudhaan hidhaatti darbachuun achitti dhukkubni itti cimnaan maatiin mana yaalaatti geeffatee yeroo ammaa du’aa fi jireenya gidduu jiraachuu dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version