Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar Aanaa Baakkoo Tibbeetti waraanni PP maatii qabsaa’ootaa irratti hidhaa fi saamicha hammeessuu maddeen himan

ONM-ABO Fulbaana 22, 2025 

Murni Bilxiginnaa qabsaa’ootaa fi sabboontota ilmaan Oromoo irratti fuulleeffachuun yakkoota garaa garaa irratti raawwachuu hammeessanii gaaga’ama lubbuu fi qabeenyaa geessisuu itti fufuun, godina Lixa Shaggar aanaa Baakkoo Tibbee ganda Odaa Gudayyaatti Fulbaana 20,2025 maqaa “ilma keetu miseensa Waraana Bilisummaa Oromooti” jedhuun nama maqaan isaa: 

  1. Obbo Caalaa Oljirraa jedhamu fi 
  2. haadha warraa isaa maqaan ishee Aadde Buzunesh Tuurii jedhamtu daa’ima ji’a shanii waliin 

hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen himan.

Akka maddeen himanitti, maatiin hidhaman kunneen yakka dalagan qabaataniif osoo hin taane sababa ilmi isaanii miseensa WBO ta’eef qofa bulchiinsa Magaalaa Goobanitti hidhamanii hiraarfamaa jiraachuu fi qabeenya isaaniis loon shan jalaa ooffatanii deemuu dubbatu.

Aanaa Baakkoo Tibbee gandoota garaa garaa keessatti waraanni PP maatii qabsaa’ootaa fi sabboontota ilmaan Oromoo irratti dararaa bifa adda ta’een hammeessanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himanii jiru.

Exit mobile version