Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar aanaa Daannoo keessatti kaadiroonnii fi waraanni Bilxiginnaa dararaa maatii qabsaa’ootaa irratti xiyyeefate jabeessun dhaga’ame

ONM-ABO Sadaasa 14, 2025 

Godina Lixa Shaggar aanaa Daannoo ganda Odaa Liiban keessatti Sadaasa 11, 2025 kaadiroonni fi waraanni Bilxigginnaa namoota maqaan isaanii: 

  1. Kitaabee Indaaluu fi 
  2. Warqee Tashoomaa 

jedhaman sababa tokko malee maatii keessantu miseensa WBOti jechuun qabanii magaalaa Jimaateetti hidhanii dararaa jiraachuu maddeen ONMtti dubbatan.

Murni PP lola guddaa waggoota torbaa oliif WBO waliin humna lafoo fi qilleensaa irraan hanga har’atti taasisaa turee fi jiruun akka injifatamaa jiru baruun hamilee qabsaa’otaa fi sabboontotaa cabsuuf jecha maatii qabsaa’ootaa irratti xiyyeefatee ajjeechaa, saamicha, reebichaa fi hidhaa hamaa irraan gahaa turuu fi jiraachuu irra deddeebiin gabaafamaa tureera.

Akka jiraattonni jedhanitti Murni abdii kutate kun maatii qabsaa’ootaa irratti xiyyeeffatee waraana isaa irratti bobbaasuun ajjeesuu, saamuu fi hidhuu akka waan qabsicha boodatti deebisuu danda’utti yaadus ittuu qabsichatti nu jabeessaa jira jechuun dubbataniiru.

Exit mobile version