Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar Aanaa Liiban Jaawwii fi Baakkoo Tibbee keessatti Lukkeeleen Bilxiginnaa jiraattota saamuu, hidhuu, reebuu fi doorsisuu hammeessan

ONM-ABO Amajjii 2, 2025 

Godina Lixa Shaggar aanaa Liiban Jaawwii ganda Gaamoo Walisoo jedhamu keessaa Muddee 30, 2024 ergamtoonni Bilxiginnaa nama maqaan isaa Dirribaa Dhaabaa jedhamu jalaa loon 2 saamuun, haadha warraa isaa Aadde Taatuu kan jedhamtu ammoo hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Kana malees godinuma kana aanaa Baakkoo Tibbee ganda Waladii Soomboo Disaasaa iddoo addaa Jilee jedhamu keessaa Muddee 30, 2024 maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo nyaachiste” jedhuun nama Obbo Goobanaa Dinqiisaa Tarfaa jedhamu jalaa loon 3 saamuun, intala isaa Shiibirree Goobanaa jedhamtu ammoo “bakka loon keessan jiran nu geessi” jechuun manaa ukkaamsanii bosonatti geessuun akka horiitti wadaroo (funyoo) morma isheetti kaa’anii reebicha hamaa irraan gahuun dararaa kan turan ta’uu maddeen himan.

Muddee 31, 2024 aanichuma ganda Jaarsoo fi Biloof Ceekuu jedhaman keessaa jiraattota hunda waltajjii waamuun, “qarshii keessaniin qawwee bitachuun leenjii milishummaa fudhattanii WBO loltu” jechuun doorsisaa kan turan ta’uu maddeen itti dabaluun eeraniiru.

Exit mobile version