Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar Aanaa Baakkoo Tibbee irraa lukkeeleen Bilxiginnaa hawaasa nagaa reebuu fi saamuu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Sadaasa 26, 2024 

Lukkeeleen Bilxiginnaa ilmaan Oromoo hunda afaaniin kukkuulanii sobaa, faallaa isaa immoo sababa hin beekamneen yakkuun diinummaa fi jibbiinsa qaban ifatti mul’isuun dararaa ulfaataa dhalli namaa mitii bineensiyyuu argee hin beekne irraan geessisaa jiru.

Aanaa Baakkoo Tibbee ganda Amartii Gibee jedhamu irraa loltoonni Bilxiginnaa  naamusa waraanummaa tokkollee hin qabne akkuma argan bobbaafamuun Sadaasa 21, 2024 namoota maqaan isaanii:

  1. Goobanaa Daakaa,
  2. Geetaachoo Bushuraa fi
  3. Gammee jedhaman badii tokko malee reebicha ulfaataa qaama laalessu irraan ga’anii deemuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Kana malees, ergamtoonni kunneen dararaa hawaasa nagaa irratti raawwatan cimsuun ganduma kana irraa namoota maqaan isaanii:

  1. Naggasaa Cimdeessaa,
  2. Geetaachoo Xaaloo fi
  3. Cimdeessaa Xaaloo jedhaman jalaa walumatti loon 124 guyyuma kana saamuun ooffatanii deemuun ibsameera.
Exit mobile version