ONM-ABO Amajjii 31, 2026
Godina Lixa Shaggar aanaa Baakkoo Tibbee ganda Sadan Qixxee keessaa torban darbe keessa lukkeeleen Bilxiginnaa qonnaan bultoota maqaan isaanii:
- Obbo Lataa Misgaanaa,
- Obbo Lammaa Gizuu fi
- Obbo Lammeessaa Dhibbaa
jedhaman qe’ee fi maatii isaanii irraa ukkaamsuun gaaffii seeraa tokko malee waajjira poolisii aanichaatti hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen ONM’tti himaniiru.
Akka maddeen himanitti, namoonni kunneen hojii qonnaatti bobba’uun jiruu fi jireenya dhuunfaa isaanii geggeeffachuun alatti hirmaannaa siyaasa kamiiyyuu kan hin qabne ta’anis, jaleewwan Bilxiginnaa ammoo maqaa “qarshii fi odeessa kennuun WBO deggertu” jedhuun hidhuu dubbatu.
Kana malees, yeroo ammaa kana sirna dhableeyyiin loltoota PP kunneen aanicha guutummaa keessatti maqaa sakattaa WBO jedhuun bobba’uun ilmaan Oromoo hunda qe’ee fi qabeenya isaanii irratti sobaan yakkuun miidhaa ulfaataa irraan ga’aa jiraachuu maddeen itti dabaluun eeranii jiru.

