ONM-ABO Muddee 29, 2025
Godina Lixa Shaggar aanaa Baakkoo Tibbee ganda Guddina Biyyaa jedhamu keessatti Muddee 24, 2025 waraanni gara jabeessi murna Bilxigginna akkuma amalaa isaa maqaalee garaagaraatiin yakkuun namoota nagaa jiruu fi jireenya isaanii malee gartuu siyaasaa kamirraa bilisa ta’an mana hidhaatti guuruun hiraarsaa jiraachuun ibsameera.
Namoota bulchiinsa magaalaa Baakkootti hidhaman maqaan isaanii kanneen nu qaqqabe:
- Obbo Unatuu Bakkashee maanguddoo ganna 67,
- Obbo Gaddafaa Qana’aa maanguddoo ganna 72,
- Obbo Baacaa Gaddafaa abbaa ilmaan 8,
- Obbo Asaffaa Warqiisaa fi
- Obbo Baacaa Taaddalaa ganda Soddom Booroo keessaa qabamanii hidhamuun barameera.
Namoonni kun maanguddoota waa’ee siyaasaa keessaa dantaa hin qabnee fi hawaasa keessatti jaarsummaa fi Araaaraan beekaman akka ta’es jiraattotni dubbatu.
Oduu saamichaan ammoo aanichuma ganda Hara Abbonnoo jedhamu keessatti guyyuma kana hidhattoonni PP kun maqaa madoo WBO yaalta jedhuun nama maqaan isaa Takiluu Ayyaanaa jedhamu jalaa horii gaafa 5 saamuun ooffatanii mooraa waraana isaanii magaalaa Baakkoo keessatti qalachuus itti dabaluun ibsaniiru.
Waraanni murna Bilxiginnaa akka seeraa fi heeraatti nageenyaa fi daangaa biyyaa eeguun osoo dirqama ta’ee irra jiruu sadoo dhuunfaa isaa fi aangoo siyaasaa namoota muraasaa tiksuuf jecha sarbamiinsa mirgoota namoomaa raawwachaa jira.

