ONM-ABO Guraandhala 4, 2026
Godina Lixa Shaggar aanaa Baakkoo Tibbee ganda Sadan Qixxee keessaa nama maqaan isaa Obbo Biraanuu Shiffarraa jedhamu maanguddoo ganna umrii 68 ta’e ukkamsuun waajjira poolisii magaalaa Baakkootti geessuun torbee lama oliif hiraarsaa turun ammallee haala ulfaataa keessa jiraachuu maddeen himan.
Akka maddeen himanitti, manguddoon waraana PPn uukkaamfamanii hiraarfamaa jiran kun hirmaannaa siyaasa dhaaba kamiyyuu kan qabnu yoo ta’u, hawaasa keessa jiraatan keessatti maanguddoo eebbaa fi araaraa ta’uun jaalalaa fi kabaja kan qabaniidha. Waraanni murna PP garuu Waraana Bilisummaa Oromoo deggarta jechuun ukkaamsanii maqaa sobaatiin dararaa jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf gabaasanii jiru.
Murni Bilxiginnaa namoota hawaasa keessa jiraatan keessatti kabajaa fi ilaalcha gaarii qaban maqaa garaagaraa itti maxxansuun yakkee yakkoota garaagaraa irratti raawwachuun dhiibbaa mirgoota namoomaa fi rakkoo xiinsammuu ulfaataaf saaxilaa jiraachuun ni beekama.

