Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar Aanaa Baakkoo Tibbee keessatti loltoonni faashistii PP maanguddoo tokko mooraa waraanaatti hidhanii dararaa jiraachuun himame

ONM-ABO Bitootessa 12, 2025 

Aanaa Baakkoo Tibbee ganda Biqiltuu Lakkuu jedhamu irraa Bitootessa 7, 2025 maanguddoo maqaan isaanii Obbo Tsaggaayee Caalii Dhaabasaa jedhamu maqaa “hidhata Waraanaa Bilisummaa Oromoo qabda” jedhuun ergamtoonni sirnichaa mana jireenyaa isaatii ukkaamsuun aanichuma mooraa waraana Bilxiginnaa ganda Walqixxummaa Bakkaree keessatti argamutti hidhanii dararaa hamaa irraan gahaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti, Obbo Tsaggaayeen nama ganna 50 olii fi siyaasa kam keessas kan hin jirre yoo ta’u, innis hojii dhuunfaa isaa qofa hojjechuun ijoollee 14 kan guddisu ta’uu dubbatu.

Dabalataanis, ergamtoonni Bilxiginnaa kunneen wayita maqaa sakatta’a WBO’n bobbaa’an nama kana of duukaa fuudhanii deemuun reebicha ulfaataa irraan gahaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Exit mobile version