Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar Aanaa Baakkoo Tibbeetti loltoonni Abiy Ahimed maanguddoo tokko ilma isaa waliin hidhanii reebicha hamaa irraan gahuun, qaama hir’uu taasisuun dhaga’ame

ONM-ABO Gurraandhala 7, 2025 

Aanaa Baakkoo Tibbee ganda Kaarruu Warra Roobaa jedhamu keessaa Obbo Galaanaa Haroo fi ilma isaa Asnaaqaa Galaanaa ergamtoonni Bilxiginnaa “isin loojistikii WBO waan taataniif milishummaa leenjitanii nu waliin hojjechuu diddan” jechuun torban darbe keessa mana isaaniitii ukkaamsuun guyyaa lamaaf waajjira poolisii magaalaa Tibbee ganda 01 keessatti hidhuun harka isaaniis duubatti hidhanii reebicha hamaa qaama laalessu irraan ga’anii gadi lakkisuun, yeroo ammaa kanas harki isaanii guutummaan laamsha’uun hojii ala ta’ee jiraachuu jiraattonni gandichaa ijaan argan ONM’tti himanii jiru.

Obbo Galaanaan maanguddoo ganna 65 fi abbaa daa’imman 12 ta’uu kan himan maddeen, inni fi mucaan isaas siyaasa kam keessa kan hin jirre yoo ta’u, ergamtoonni sirnichaa sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun qaama hir’uu taasisuun akka isaan harka namaa ilaalan godhanii jiraachuu ONM’f eeranii jiru.

Kana malees aanicha keessatti maqaa kaffaltii gosa garaa garaan saamichi jiraattota irratti raawwatus kan dur barameen olitti jabaatee itti fufee jiraachuun dabalataan eeramee jira.

Exit mobile version