ONM-ABO Amajjii 7, 2025
Aanaa Baakkoo Tibbee ganda Guddina Biyyaa jedhamu keessatti Amajjii 4, 2025 ergamtoonni safuu fi safeeffannaa hawaasichaa tokko illee hin kabajne waraanni maafi’aan Abiy Ahimed maanguddoo Aadde Dagguu Tilintii jedhamtu afaan qawwee itti qabanii safuu hawaasichaa cabsuun gudeeddaa suukkanneessaa ta’e irratti raawwatanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Aadde Dagguun maanguddoo ganna 58 ta’uu kan himan maddeen, waraanni sirnichaa ammoo maqaa “ilma keetu bosona jira” jedhuun guyyaa kana halkan keessaa toora sa’a 5:00’tti mana jireenyaa ishee keessaa gadi waamanii sodaachisuun yakka ciiggaassisaa fi safuu hawaasichaa cabsu kana irratti raawwatanii deemuu dubbatu.
Kana malees aanichuma ganda Gabaa Ulee jedhamu keessaa guyyaadhuma kana yeroo wal fakkaataatti qonnaan bultoota siyaasni maal akka ta’e illee hin beekne Obbo Abarraa Qaqqabaa fi Obbo Tolasaa Jabeessaa namoota jedhaman ammoo “qawwee qabdu” jechuun sobaan yakkanii reebicha hamaa ta’e irraan gahuun hidhaatti darbatanii garmalee hiraarsaa kan jiran ta’uu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

