Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar Aanaa Baakkoo Tibbee keessatti waraanni Bilxiginnaa maanguddoo ganna 75 olii tokko ajjeesuun himame

ONM-ABO Waxabajjii 18, 2025 

Lixa Shaggar aanaa Baakkoo Tibbee ganda Odaa Kormaa jedhamu keessaa Waxabajjii 16, 2025 waraanni sirna dhableessi impaayera Itiyoophiyaa maanguddoo ganna 75 olii kan ta’e nama maqaan isaa Obbo Caalchisaa Cimdeessaa jedhamu sababa tokko malee qe’ee isaatti rasaasa itti roobsuun ajjeesanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti, maanguddoon kun jaarsa biyyaa nama ilmaan hedduu horee qabuu fi deggeraa siyaasa dhaaba kamiiyyuu kan hin taane yoo ta’u, loltoonni Bilxiginnaa garuu sababa sobaa “osoo ijaan argaa jirruu WBO’tu mana kee seene” jedhuun osoo inni ooyiruu isaa keessaa hojjetachaa jiruu qe’ee isaa keessatti ajjeesanii deemuu dubbatu.

Bara bulchiinsa koloneel Abiy Ahimed kana keessa Oromummaan yakka ta’uun ilmaan Oromoo jaleewwan sirnichaan akka bineensa bosonaatti adamsamuun gochoonni gara jabinaa hidhaa hanga ajjeechaatti irratti raawwatamaa kan jiru ta’uun ni beekama.

Exit mobile version