Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Daarimuu keessatti kaabineen Bilxiginnaa tokko maanguddoo tokko irratti gudeeddaa raawwachuun himame

ONM-ABO Ebla 11, 2025 

Aanaa Daarimuu ganda Imbooroo jedhamu keessatti Kaabineen Bilxiginnaa gandichatti ramadamee jiru tokko kan maqaan isaa Eebbisaa Tafarii jedhamu; qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Habiib Musxafaa jedhamu gowwomsee dirqamaan hojii gandaatti ergee ofiif ammoo jala deebi’ee gara mana qonnaan bulaa kanaa dhaquun haadha warraa isaa irratti gudeeddaa raawwatee jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Aanaa Daarimuutti dhiittaa fi sarbamiinsi mirgoota namoomaa ergamtoota sirnichaan guyyuu ilmaan Oromoo irratti raawwatu jabaatee ittuma fufuun, ganda Gungummii jedhamu keessatti ammoo bulchaa gandichaa kan ta’e, namni maqaan isaa Tasfaayee Dooshee jedhamu aangoo dhuunfaa isaatti fayyadamee halkanii fi guyyaa jiraattota afaan qawwee itti qabee sodaachisuun ba’uu fi galuu dhorkaa kan jiru ta’uu maddeen itti dabaluun eeranii jiru.

Ergamtoonni Koloneel Abiy Ahimed kaayyoo fi akeeka tokko malee goleewwan Oromiyaa cufatti akkuma fedhan bobba’uun ilmaan Oromoo irratti gochoota safuu fi duudhaa hawaasichaa faallessan garaa garaa raawwachaa ooluun ni beekama.

Exit mobile version