Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Iluu Abbaa Boor aanaa Daarimuu Keessatti waraannii murna bilxiginnaa ajjechaa fi gudeeddaa hammeesse

Godina Iluu Abbaa Boor aanaa Daarimuu Keessatti waraannii murna bilxiginnaa ajjechaa fi gudeeddaa hammeesse.
 
ONM – ABO – Amajjii 11, 2023 Murni bulchiinsa abbaa irree bilxiginnaa  Oromiyaa cufa keessatti gochaalee sukkaneessaa dalagaa jiran itti fufuun  godina Iluu Abbaa Booraa ona Daarimuu ganda Beenaa sadaffaa jedhamuun beekamu keessatti  Amajjii 8, 2023 abbaa maatii obbo Darajjee Girmaa nama jedhamu mana isaatti itti seenanii  qabuun erga dararaa turaniin booda Amajjii 9, 2022 ajjeesuun gatan.
Reeffi isaa guyyaa guutuu  turun hawaasni naannoo awwaaluuf yeroo gaafatutti qarshii 10,000 du’aa irratti kafalchiisuun reeffa kennan.
 
Obbo Darajjeen dubartoota  lama fuudhee kan jiru yoo ta’u maatii sana hundaan isin deggertoota Waraana Bilisummaa Oromooti jechuun guyyaa isa qaban haadha warraa isaa lamaanuu qabanii namoota kudhanii oliin dabaree itti wal geddaruun gudeeddaa  irratti raawwachuu himatu.
 
Sababa kanaanis yeroo hammaa haadha manooliin isaa lamaanuu dhiibbaa fayyaa isaan irra ga’een mana yaalaa godina Iluu abbaa Booraa magaalaa Mattuutti yaalamaa jiru.
 
Dubartootni gochi kun irratti raawwate maqaan isaanii Imootish Asaffaa fi Riyaal Siisay kan jedhamanii dha.
Imootish haadha daa’ima 2ti Riyaal ammoo haadha daa’ima tokko ta’uu maddeen keenya onichaa Arraataa Biyyooleessa oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version