Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Dariimuu keessatti waraanni weraartu bilxiginnaa mana qonnaan bulaa tokko fi konkolaataa guban
(ONM-ABO Onk 12, 2022)
Murnii bilxiginnaa Oromiyaa cufaa keessatti waraana isa bobbaasun ilmaan Oromoo oromummaan yakkee ajjeessuu ,hidhuu fi saamuun cinaati mana fi qabeenya ummata Oromoo gubuun mancaase harkaa qullaatti hambisun ilmaan Oromoo jireenya gadaadoof saxilaa jira
Kaleessaa Onkololeessaa 11, 2022 godina Iluu abbaa Booraa Aanaa Daarimuu bulchiinsa magaalaa Gobbee keessatti waraannii weraartu bilxiginnaa mana Obbo Bakir Umar qabeenya mana keessaa fi konkolaataa Isuuzuu tokko waliin ibiddan gubaani akka barbadeessaan jiraattotni onaa Daarimuu bulchiinsa magaalaa gobbee arraata biyyoolessaa Oromiyaa ti himan
Akka jiraattota onaa Daarimuu bulchiinsa magaalaa gobbee Arraatni biyyoolessaa Oromiyaa dubbise himanitti, Waraannii bilxiginnaa kun obboo Bakir Umar waraanaa bilisummaa Oromoo walin walitti dhufeenya qaba jechuun gara mana jireenyaa isaati barbaacha daquun innis lubbuu isaa bafachu erga harkaa miliqee booda obbo Bakir Umar mana dhabuun waraannii bilxiginnaa kun konkolaataa isaa dabalate mana fi qabeenya isa gubuu maddeen dabaalun dubbaatan
Gochii wal fakkaatan akkasii Onoota Godinaa Oromiyaa kanneen akka Gujii lixa ,lixa shagari fi baha keessatti rawwaata jiraaachu gabaasa turuun keenyaa ni beekamaa
Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Dariimuu keessatti waraanni weraartu bilxiginnaa mana qonnaan bulaa tokko fi konkolaataa guban

