Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni bilxiginnaa ilmaan Oromoo Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Daarimuu keessaatti hidhamanii turan sadii mana adabaatii baasuun bishaan Birbiritti darbachuun namoota hedduus qabanii hidhan

Waraanni bilxiginnaa ilmaan Oromoo Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Daarimuu keessaatti hidhamanii turan sadii mana adabaatii baasuun bishaan Birbiritti darbachuun namoota hedduus qabanii hidhan.

ONM – ABO – Muddee 27, 2022 Golee Oromiyaa mara keessatti caasaalee fi waraanni murna faashistii Itoophiyaa ilmaan Oromoo maqaa hin taane itti maxxansuun mana adabaatti funaanaa, achii ammoo baasanii haala suukkanneessaan ajjeesanii bakkeetti gatuun bineensa nyaachisaa kan turan yoo ta’u, gochi cubbuu sirna kanaan gaggeeffamaa jiru kun jabaatee itti fufuun kaleessa Muddee 26, 2022 godina Illuu Abbaa Booraa keessatti raawwateera.

Haaluma kanaan Godina Illuu Abbaa Booraa aanaa Daarimuu keessatti badii isaanii malee kan hidhamaa turan ilmaan Oromoo sadii mana hidhaa baafamuu bishaan guddaa Laga Birbiritti darbatamaniiru.

Namootni bishaanitti darbataman kun Baacaa Dassaaleny, Fu’aadoo Mohammedjamaal fi Ahimeddiin Mohammed kan jedhaman yoo ta’u, badii tokko malee qabamanii hidhamuun yeroo dheeraatiif mana hidhaa PP keessatti hiraarfamaa turan.

Dararaa mana hidhaatii kaleessaa sirna ilma namaaf naasuu tokkollee hin qabneen hidhaadhaa baafamanii fayyaatti bishaanitti darbatamuu isaanii maddeen achii addeessaniiru.

Dabalataan kaleessuma Muddee 26, 2022 aanichuma keessatti ilmaan Oromoo lakkoofsaan hedduu ta’an waraanni murna bilxiginnaa itti marsee qabuun harka isaanii dugda duubatti hidhee konkolaataatti guuraa kan ture yoo ta’u, namoota konkolaataatti guuraman kanas gara magaalaa Daarimuutti geessanii hidhanii jiru.

Ona Daarimuu kana keessatti ilmaan Oromoo guyyaadhaa guyyaatti hidhamaan jiran malee kanneen erga hidhamanii baatii 2 fi isaa ol lakkoofsisan hedduu dha.

Isaan keessaa kan maqaan isaanii arganne; Kadir Huseenaa, Shaakur Ariif Sheekaa, Gabbee Ahimed Hajii, Garramuu Guyyaasaa fi dubartiin ganna 40 Safiyaa Ahimed jedhamtu hidhamtee jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version