Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Daarimuu keessaatti hidhaa fi dararaan Waraana faashistii Abiy Ahimediin ilmaan Oromoo irra ga’aa jiraachuutu himame

Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Daarimuu keessaatti hidhaa fi dararaan Waraana faashistii Abiy Ahimediin ilmaan Oromoo irra ga’aa jiraachuutu himame.

ONM-ABO Hagayya 17,2022 bilxiginnaa ilmaan Oromoo hidhuu fi daraaruu akka ulaagaa bulchiinsaattii fi akka tooftaa waraanaatti itti gargaramuun Oromiyaa bakkoota hedduu keessaatti ilmaan Oromoo hidhuu fi daraaruu itti fufee jira.

Haalumaa kanaan kaleessa Hagayyaa 16,2022 godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Daarimuu keessaatti ogeessa fayyaa Damee Dhalateeraa kan jedhamu badii tokko malee bakka hojii isaatii qabuun ergaa reebicha hamaa irraan ga’aniin booda mana hidhaatti darbaatanii kan jiran yoo ta’u, namoonni hedduun kan maqaan nu ga’in guyyoota lamaa asitti qabamuun waajjira poolisii magaalaa Daarimuutti hidhamuun dararamaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Ogeessa fayyaa Damee Dhalateeraa dabalatee namoonni mana hidhaa waajjira poolisii magaalaa Daarimuutti hidhamanii dararamaa jiran namoota jireenya dhuunfaa isaanii jiraatanii fi hirmannaa siyaasaa kam iyyuu namoota hin qabne ta’uu jiraattootni magaalaa Daarimuu maddeenitti himaniiru.

Magaalaa Daarimuu keessatti haalli magaalicha keessaa jiru sodachisaa ta’uu fi namoota Daandii irraatti argan reebaa waan jiraniif hawaasni miiraa sodaa keessa galee jira.

Kana malees ona Daarimuu keessaatti sochiin geejjibaa fi uggurrii gabaa kaa’amuu kan gabaasne turre yoo ta’u, yeroo ammaa tajaajilli baankii osoo hin hafin addaan kutuun hawaasa guutuutti jireenya hadheessanii jiraachuu Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa odeffaatee jira.

Exit mobile version