ONM-ABO Guraandhala 10, 2024
Murni bilxiginnaa ilaalcha gad-aanaa saba Oromoof qabu mul’isuuf jecha ilmaan Oromoo irratti ajandaa saamichaa, hidhaa, buqqaatii fi ajjeesuu jedhu baafatee socho’aa kan jiru yeroo amma godina Iluu abbaa Booraa aanaa Daarimuu keessatti maqaa albuuda lafa keessaa baafna jedhuutiin saamicha lafaa taasisaa akka jiran jiraattotni ONMtti himan.
Akka jiraattotni jedhanitti Amajjii 8, 2024 kaabinoonni PP waraana fudhatanii gara ganda Beenaa sadaffaa jedhamutti bobba’uun hojii lafaa misooma sululaa jedhuutiin albuuda lafa keessaa baasaa kan turan yoo ta’u, namoota qabeenyaa keenya maaf saamtu, nuti maaliin jiraanna jedhan ammoo beenya tokko malee dirqiin harkaa fuudhuun, isin ergama WBO qabdu jechuun doorsisaa akka turanis dabaluun himaniiru.
Guutuu Oromiyaa keessatti hawaasni Oromoo osoo saamamuu, osoo ajjeefamuu fi osoo hidhamuu qaama itti himatu dhabuun, yaadaa fi gaaffii qabu qaama aangoo irra jiru bilxiginnaa yoo gaafate deebiin isaan kennaniif ilaalcha sobaatiin namoota nagaa ati deggeraa waraana bilisummaa Oromooti Jechuun jireenya namootaa manneen hidhaa gochuu akka ta’ees ifoomeera.

