ONM-ABO Fulbaana 16, 2025
Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Nophaa ganda Cabal jedhamu keessatti qonnaan bulaa maqaan isaa Huseen Ibraahim jehamu waggoota dheeraaf lafti guddaan maqaa abbaa qabeenyummaatiin kan isaaf kenname, kan inni Biiroo Misooma Lafa Oromiyaa irraas waraqaa hayyamaa qabu irraa fuuchuu jirattoonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaati himan.
Namnii kun hawaasa isaa keessatti jaallatamummaa kan qabu yoo ta’u, kaabinoonni onichaa garuu ilaalcha biraa qabda jechuun baatii 2 oliif erga hidhanii dararaa turuun gadi dhiisanii qabeenya isaa itti fayyadamuu akka hin dandeenye akeekkachiisuun turtii guyyoota muraasaa booda kaabinoonni sirnichaa hidhattoota aanaa Daarimuu irra jiran itti bobbaasuun manneen isaa diiganii mancaasuun saamicha irratti raawwatanii miidhaa jabaa isaa fi maatii isaa irratti raawwachuun bakkeetti gatanii akka deeman maddeen itti dabaluun ifoomsaniiru.
Waggoota dheeraaf ooyiruu kana irratti bunaa fi jimaa omishaa kan ture oggaa ta’u, qabeenyi isaa miliyoona 4. 5 ol ta’u beenyaa tokko osoo hin kaffalaminiif irraa fudhamee kaabinoota onichaan dabarfamee gurguramuun, namni kunis yeroo ammaa rakkoo hamaa keessa akka jiru jiraattonni ni dubbaatu.

