Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Daarimuutti hidhaan loltoota Bilxiginnaan hawaasa nagaa irratti raawwatu jabaatee itti fufe

ONM-ABO Ebla 7, 2025 

Aanaa Daarimuu ganda Waabeekoo keessaa Ebla 2, 2025 ergamtoonni Bilxiginnaa dargaggoo maqaan isaa:

  1. Aggidoo Oliiqsaa jedhamu dhalataa godina Baha Shaggar kan ta’e, maatii inni mana isaanii taa’ee hojii hojjetu: 
  2. Obbo Wanduu Kabbadee fi ilma isaa 
  3. Hamaa Wanduu 

waliin badii tokko malee ukkaamsuun waajjira poolisii aanichaatti hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Kana malees, aanicha guutummaa keessatti Kaabinoonni Bilxiginnaa maqaa ijaarsa waajjira gandaa jedhuun jiraattota irratti irra deddeebiidhaan saamicha ulfaataa raawwataa kan jiranii fi leenjii milishummaa jechuunis qonnaan bultoota humnaan ukkaamsuun guyyaa 15 qofa leenjisanii gara dirqamaatti bobbaasuun akka malee hiraarsaa jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Exit mobile version