ONM-ABO Ebla 15, 2025
Jiraataa aanaa Daarimuu ganda Waabeekoo kan ta’e nama maqaan isaa Sheek Maammud Siraaj jedhamu “misooma gandaa hojjechuu didde” jechuun Ebla 9, 2025 milishoonni sirnichaa bakka hojii isaatii ukkaamsuun gara waajjira poolisii erga geessanii booda dabalataan “ati miseensa WBO’ti” jedhanii yakkuun hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, Sheek Maammud hojii dhuunfaa isaa malee siyaasa tokkollee kan hin hordofnee fi hawaasa naannoo birattis jaallatamummaa guddaa nama qabu ta’uu dubbatu.
Kana malees, guutummaa aanaa Daarimuu keessatti kaabinoonni Bilxiginnaa kaffaltii waliin isaa hin beekamnee fi naga’ee hin qabneen nama tokko irraa qarshii 2,000-4,000 guuranii dhoksaatti dantaa dhuunfaa isaaniif oolfachaa kan jiran yoo ta’u, qarshii guurratan kana keessaas murna Bilxiginnaaf kan nama tokko irraa seeraan ala kumaatamaan saaman keessaa waajjira galii aanichaatti qarshii 300 qofa galii taasisaa jiraachuu maddeen amanamoo keessoo Bilxiginnaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

