ONM-ABO Ebla 13, 2025
Aanaa Daarimuu ganda Waabeekoo keessaa Ebla 9, 2025 nama maqaan isaa Obbo Mubaarak Musxafaa jedhamu ergamtoonni sirna nama nyaataa Bilxiginnaa badii tokko malee bakka hojii dhuunfaa isaatti dhukaasa itti banuun reebicha ulfaataa irratti raawwatanii qabanii hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, Obbo Mubaarak nama nagaa hordofaa siyaasaa dhaaba kamiiyyuu kan hin taane yoo ta’u, lukkeeleen Bilxiginnaa ammoo “misooma gandaa hojjechuu didde” jechuun ukkaamsanii ajjeesuuf oggaa jedhan hawaasni naannoo birmannaa taasiseefii “maaloo hin ajjeesiinaa” jechuun osoo kadhatanii reebichaan du’aa fi jireenya gidduutti hambisuun kan hidhan ta’uu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Ergamtoonni garaa isaanii guuttachuu qofaaf jiraatan jaleewwan Bilxiginnaa kutaalee impaayerattii cufa keessaa haala duraan barameen olitti ilmaan Oromoo irratti sarbamiinsa mirgoota namoomaa raawwachuu cimsanii itti fufanii jiru.

