Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Waayyuu Tuqaatti ergamtoonni Bilxiginnaa jiraattota reebuu, hidhuu fi manneen irratti gubuu hammeessan  

ONM-ABO Ebla 27, 2025 

Aanaa Waayyuu Tuqaa ganda Haroo Caalchis jedhamu irraa Ebla 25, 2025 loltoonni sirna nama nyaataa PP dubartii maqaan ishee Aadde Haannaa Misgaanaa jedhamtu jalaa maqaa “abbaa warraa keetu bosona jira” jedhuun mana jireenyaa ishee qabeenya hunda waliin ibidda itti shiduun gubanii barbadeessuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Kana malees, gandichuma irraa guyyaadhuma kana nama maqaan isaa obbo Beenyaa Guutamaa jedhamu, “milishaa keessaa baddee galte” jechuun akkasumas, Obbo Beekumaa Teessoo ammoo maqaa “ilma keetu miseensa WBO’ti” jedhuun hidhaatti darbatanii dararaa kan jiran ta’uun ifoomeera.

Dararaan ergamtoota sirnichaan ilmaan Oromoo irratti raawwatu kun jabaatee ittuma fufuun, godinuma kana aanaa Guutoo Giddaa ganda Fayisaa iddoo addaa Soolee jedhamu irraa Ebla 24, 2025 Obbo Margaa Guuttataa nama jedhamu loltoonni Bilxiginnaa maqaa sakattaa dawoo godhachuun gandichatti bobba’uun, “mana maatii qabsaa’otaa nutti agarsiisi” jechuun badii tokko malee afaan qawween mataa isaa keessa tumatanii buruqsuun hanga guyyaa gabaasni kun qindaa’eetti Hospitaala Riiferaala magaalaa Naqamtee keessatti du’aa fi jireenya gidduu jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Gara jabeeyyiin ergamtoota Bilxiginnaa kanneen naamusni waraanummaa tokkollee irraa hin calaqqisne bakka deeman maratti ilmaan Oromoo irratti gochoota ciiggaassisoo fi suukkanneessoo garaa garaa raawwachuu jabeessanii itti fufanii jiru.

Exit mobile version