Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Matakkal Aanaa Dibaax keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa dhalattoota Oromoo hidhaatti guuraa jiraachuun beekame

ONM-ABO Ebla 18, 2025 

Bara bulchiinsa nama nyaataa Bilxiginnaa keessatti ilma Oromoo ta’uun akka yakkaatti kan ilaalamu yoo ta’u, jaleewwan Bilxiginnaa Ebla 15, 2025 godina Matakkal aanaa Dibaax ganda Gaalessaa keessatti dhalattoota Oromoo gandicha jiraatan sababa Oromoo ta’an qofaaf deggartoota Waraana Bilisummaa Oromooti jechuun hidhaatti guuraa turuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeraniiru.

Guyyaa kana sabboontotni ilmaan Oromoo hidhattoota sirnichaan hidhaatti darbataman kunneen:

  1. Dassaalee Kabaa nama hojii konkolaachisummaa hojjatuu fi 
  2. Gonfaa Hinsarmuu 

kan jedhamu ammoo nama hojii daldalaa hojjechuun jireenya dhuunfaa isaa jiraatu akka ta’es ibsaniiru.

Haaluma wal fakkaatuun Ebla 14, 2025 jiraatama ganda Gaalessaa kan ta’e qonnaan bulaa siyaasa kam keessayyuu hin jirre nama maqaan isaa;

Waaqjiraa Gurmuu jedhamus maqaa hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabda jedhu itti maxxansuun bakka hojii isaatii badii tokko malee qabanii hidhuu maddeen ONM’tti himaniiru.

Exit mobile version