ONM-ABO Ebla 11, 2025
Godina Matakkal aanaa Dibaax ganda Caancootti Ebla 4, 2025 abbaa ijoollee 3 kan ta’e nama maqaan isaa Obbo Caraanaa Baajatoo jedhamu ergamtoonni sirnichaa badii tokko malee reebicha hamaa irraan gahanii dandamachuu dadhabuun guyyaa tokko booda Ebla 5, 2025 haala nama gaddisiisuun lubbuun isaa darbee jiraachuu maddeen ONM’tti himanii jiru.
Kana malees, aanichuma ganda Giiphoo irraa Ebla 7, 2025 nama maqaan isaa Dirribaa Tolasaa jedhamu badii tokko malee hidhaatti yoo darbatan, Qalbeessaa Waaqjiraa jalaa ammoo qarshii 130,000 saamanii deemuun beekameera.
Bifuma wal fakkaatuun, aanaadhuma Dibaax ganda Gaalessaa irraa ammoo hawaasa nagaa kanneen maqaan isaanii:
- Maammushoo Addisuu,
- Nugusee Waaqtolee,
- Biraanuu Dinagdee,
- Mangistuu Morkaa,
- Tamasgeen Sawaageny,
- Maabiraatuu Taaddasee fi
- Darajjee Bayyanaa
jedhaman yakka tokko malee hidhaatti darbatanii dararaa kan jiran yoo ta’u, akkasumas hojii daldalaa hojjetee kan jiraatu nama maqaan isaa Abbabee Dureessaa jedhamu jalaa ammoo qarshii 360,000 erga saamanii booda isas ukkaamsuun achi buutee dhabamsiisanii jiraachuun ibsameera.
Aanaa Dibaax keessatti hidhaa fi dararaan ergamtoota Koloneel Abiy Ahimediin ilmaan Oromoo irratti raawwatu jabaatee ittuma fufuun, yerooma wal fakkaataa ganda Somboo Siree keessaa jiraattota maqaan isaanii:
- Amsaaluu Bareedaa,
- Kabbadee Ciibsaa,
- Shooree Aduulaa
- Girmoosaa Garbii fi obboleessa isaa
- Darajjee Garbii kanneen jedhaman mana hidhaatti darbatanii garmalee dararaa jiraachuun beekameera.

