ONM-ABO Guraandhala 7, 2025
Kutaalee impaayerattii cufa keessaa ergamtoonni Bilxiginnaa haala duraan barameen olitti sabboontota ilmaan Oromoo adamsanii hidhaatti guuruu cimsanii itti fufanii jiru.
Aanaa Daarimuu ganda Meexxii Guddaa keessaa torban darbe keessa nama maqaan isaa Abdallaa Mahaammad Namarraa jedhamu ergamtoonni Bilxiginnaa badii tokko malee qe’ee fi qabeenyaa isaa irraa ukkaamsuun hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, Obbo Abdallaan nama nagaa siyaasa kam keessa illee hin jirre ta’uu himuun, innis wayita ergamtoonni sirnichaa lafa isaa jalaa saamuuf jedhan, “ani lafa koo gadi hin lakkisu” jechuun hoggaa mormu qabanii deemuun hidhanii kan jiran ta’uu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

