• Sat. Jan 10th, 2026

Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Daarimuutti hidhaan ergamtoota sirnichaan lammiilee nagaa irratti raawwatu jabaatee itti fufe

Feb 9, 2025

ONM-ABO Guraandhala 7, 2025 

Kutaalee impaayerattii cufa keessaa ergamtoonni Bilxiginnaa haala duraan barameen olitti sabboontota ilmaan Oromoo adamsanii hidhaatti guuruu cimsanii itti fufanii jiru.

Aanaa Daarimuu ganda Meexxii Guddaa keessaa torban darbe keessa nama maqaan isaa Abdallaa Mahaammad Namarraa jedhamu ergamtoonni Bilxiginnaa badii tokko malee qe’ee fi qabeenyaa isaa irraa ukkaamsuun hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti, Obbo Abdallaan nama nagaa siyaasa kam keessa illee hin jirre ta’uu himuun, innis wayita ergamtoonni sirnichaa lafa isaa jalaa saamuuf jedhan, “ani lafa koo gadi hin lakkisu” jechuun hoggaa mormu qabanii deemuun hidhanii kan jiran ta’uu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading