ONM-ABO Amajjii 2, 2026
Godina Lixa Shaggar aanaa Baakkoo Tibbee ganda Guddina Biyyaa keessatti Muddee 30, 2025 hidhattoonnii PP hawaasa nagaa ajjeesuu, saamuu fi ukkaamsuu akka milkaa’inatti lakka’an qonnaan bulaa maqaan isa Balaay Lammii jedhamu halkan mana jireenya isaatti seenuun ukkaamsuun ifoomeera.
Akka jiraattonni gandichaa jedhanitti qonnaan bulaan kun abbaa maatii fi ijoollee sadi akka ta’ee ibsuun waraanni faashistii PP kun maqaa hidhata WBO qabda jedhuun halkan toora sa’aatii 5:00tti mana jireenya isa cabsuun itti seenanii maatii isa gidduudha ukkaamsuun fudhanii deemuu fi hanga oduun kun qindaa’etti achii buuteen nama kana dhabamuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Ittuma dabaluun namni kun tuttuqaa siyaasaa kamirra bilisa kan ta’ee fi yakka tokko malee sababa dhiigaan Oromoo ta’e qofan nama jireenya isa foyyeeffachuuf tattaafatu irratti raawwachuun isaanii jibbinsa sanyii uummata Oromoof qaban ifatti mul’isa jechuun ONMtti himan.




