ONM-ABO Guraandhala 7, 2025
Ba’uu fi galuun isaanii dhiiga qulqulluu dhangalaasuu kan ta’e gareen paartii tokkoof jecha uummata guddaa jumlaan duguugaa ooltu saamtonni fi goolessitoonni murna Bilxiginnaa ajaja hooggansa impaayerattii koloneel Abiy Ahimediin hiraarsaa ilmaan Oromoof bobba’an guyyuu haala ulfaataa fi suukkanneessaa ta’een ajjeechaa, saamichaa fi hidhaa raawwachaa jiru.
Akkasumas yeroo garaa garaatti guutuu Oromiyaa keessatti maqaa sakatta’iinsa WBO’n qe’ee uummataa keessa jooruun akka barbaadanitti lubbuu fi qabeenya uummataan taphachaa oolan, ammas tibba kana duula maqaa sakatta’iinsaan Kibba Oromiyaatti gareen maafiyaan Bilxiginnaa daangaa irraan mootummaa Keeniyaa kadhachuun warreen kaleessa qabsoo gante dabalatee WBO waliin lola geggeessaa jiruun tarkaanfii jajjabeen WBO Zoonii Kibbaa irratti fudhachaa jiruun gaaga’ama waraanaa fi meeshaa waraanaa isaan irraa ga’aa jiru haaloo ba’uuf faallaa kanaa of duuba deebi’uun uummata irratti meeshaa waraanaa gurguddaa kanneen akka taankii dhukaasuun duguuggaa sanyii geggeessaa jiru.
Bifuma kanaan godina Booranaa aanaa Golboo iddoo addaa Ambaa Bal’oo jedhamuun beekamu keessatti gaarreen bakkichaatti meeshaa guddaa dhukaasaa erga turaniin booda naannoo uummanni jirutti duuba deebi’uun namoota jumlaan oggaa ukkaamsan nama maqaan isaa Guyyoo Randoo jedhamu ajjeesanii jiru.
Kana malees qabeenya uummataa hedduu saamuun fuudhanii deemuu kan nuuf eeran maddeen, walumaa galatti uummanni godinaalee kanneenii cufti dararaa akkaan ulfaataan dhaanamaa jiraachuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

